Raaneettii ItoophiyaaRaaneettini jechoota afaan Ingiliziifaa “RAdio” fi “interNET” wali'iti fiduudhani jecha huummame. Raaneettini kani dhaabbateefi teekinnoloojji Woorlidi Ispeesii Raadiyoo Dijjiitaalafi Intterneettii wali'iti dabalaanii garggaaramuudhan ragaa metirolloojjii hawwaassa baaddiyyaa jiraatufi haala itti ga'u mijjeessudhaafi. Sirinna Raaneettii keessatti dhaabbileen metirolloojjii hawwaassa baaddiyyaa jiraattufi ni gargaara kani jedhammani ragaalee adda addaa biffa gargaaraniini qoodduni sirinna interneettiti galchuudha. Haa ta'u malee, ragaalee kana haala gaaridhaani argattanii itti fayyadamuufi meeshaalee akka Woorlidi Ispeesii Raadiyoo Dijjitaalafi Kompittara Wiinddooni hojjettu ni barbaachissa. Kana jeechuuni ammo dhaabileeni tajaajjila bilbillaafi Interneetti kennani ossoo ni barbaachissini Raadiyoofi Kompiittara waliin ga'uudhani ragaa barbaadamu argachuu keessatti ga'ee guddaa ni tabatta. Haaluma kana irraa ka'uudhani qindeesittootini Raaneettii Itoophiyaa hawwaassa baadiyyaa jiraataniifi ni gargaaru kani jeedhamani ragaalee metirolloojjii fuula interneettii (Web Site) qophayee irraatti akka argamu taassisaattii argama. Hojjitoottini misooma baaddiyyaa ta'ani kompiittara wiinddooodhaani hojjettu kani qabaattani yoo ta'e Raadiyoo armaani oli'itti tuqqame gargaarammuni ragaalee adda addaa qotee bulaadhafi, dhaabbatotta moottummaafi mitti moottummaa akkasumasi walda'a gamtaa yookkini jiraattota baaddiyyaafi akka raabsani ni eeggamu. Hawwaasini ragaalee kana guyyaa guyyaatti fayyadamuudhani mataa issaafii qabeegna issaa balaa metirolloojjii waliin qabattee huumamu irraa offi eeguu bira darbee callaa guddisuudhani iyyumaa hirisuu keessatti ga'ee guddaa akka tabattu irraa eegama. Gama kanaattini Raaneettini Itoophiyaa gargaarsa guddaa akka kennu abdii keenyadha. Haaluma kanaani hawwaassini baaddiyyaa jiraattufi haala Raaneettini gargaaramuni akka dandaa'ani dhaabileeni moottummaafi mitti moottummaa ta'ani Raadiyoo kanaafii meeshaalee gargaarani bituudhani wiirtuu ragaa waliitti qabaniifi yoo kennaani baayyee gaaridha. Akkasumasi, hawwaassafi ni gargaaru kani jedhamani ragaalee metirolloojjii barbaaddamani yoo nu beekisistani ni fooyyesina. Dhuma irratti, qindeesittootini Raaneettini Itoophiyaa gama raaneettii ilaaluni yoo nu quunamuu barbaaddani teessoo keenya fuula duraa jiruu gargaaramudhani akka dandeessani kabajjaani issini yaaddachifina. ------------------------------------------------------------------------ |